Asoosama Onnee wal simate❤️
Kutaa 1ffaa itti dhiyaadhaa dubbisaa, akkasuma hiriyoota keessaniifis #share godhaa 🤲
Simboo jedhamti, dhalattee kan guddatte Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Kuyyuu magaalaa Garba Gurraachatti, haalli uumama ishee Diimtuu shurrubbaan leensaa, bareedduu ilkaan asheeta boqoolloo fakkaatu, dhaabbanni ishee moodelii ammayyaa amma dhaloonni ittiin of jeju kana kan caaltu, walumaa galatti akkuma maqaa ishee Simboon ishee qabdu waan addaati, Simboon akkuma umuriin ishee barnootaaf ga'een mana barumsaa sadarkaa 1ffaa hanga lammaffaa achuma magaalaa Garba Gurraachatti fudhatte, akkuma sadarkaa lammaffaa fixxeen carraa Yunivarsiitii galuu waan argatteef Bara 2007 Yunivarsiitii wallaggaa ishee ga'e, Simboonis barnoota ishee (Management)dhan erga waggaa sadi achitti barattee booda barnoota ishee xumurtee gara hojii barbaachaatti qajeelte, dadhabbii ji'ootaa booda beeksisa Biiroon waajjira Bulchiinsaa magaalaa Laga Xaafoo baase tokko qoramatee darbuun Bara 2011 ramadamte.
Simboonis akkuma ramadamteen mana magaalaa Laga Xaafoo keessaa kireeffattee hojii ishee hojjechuu eegalte, Biiroo isheen itti ramadamte kana keessatti dhiirota sadii fi durba tokkotu hojjechaa ture, erga isheen itti dabalamtee booda shan ta'an, Simboo fi Micayyoo durbaa maqaan ishee Soorettii jedhamtu dabalatee dhiironni lama akka miseensatti hojiin isaanii, dhiirri inni tokko kan maqaan isaa Milkeessaa jedhamu immoo hogganaa isaaniti, Milkeessaan Wallagga bahaa Magaalaa Naqamteetti dhalate, Innis Simboo dursee waggaa shaniif hojii kana hojjeteera, dhiironni lamaan hafan immoo Mararaa fi Mootiidha, ijoollee Jalduuti, Soorettiin immoo asuma magaalaa Laga Xaafootti dhalatte, Soorettiin bifa bareedduu akka Simboo dhabdus haallii fi amalli ishee baayyee nama booji'a, hojii ishee irrattis goonkuma duubatti hin jettu, gaafa hiriyaa cimtuu akka ishee Simboo argattu immoo baayyee gammadde, caalattia cimtee itti fufte.
Guyyaa Simboon dhaqxee eegalee Hogganaa isaanii Milkeessaa dabalatee Mararaa fi Mootiin akka malee ija isaanii Simboo irra godhataniiru, caalatti immoo Milkeessan akka malee iji isaa Simboo irratti hafeera, Milkeessan guyyaa tokko galgala osoo mana isaa ciisee Jiruu kanuma yaadan bade of arge, qaaman mana yaa jiraatu malee yaadan Simboo bira jira, Uuuuuf jedhee afuura Guddaa baafate, Isa booda maali Micayyoo tanarraa jaalalli na qabuu isaati moo jedhee of gaafachuutti ka'e, Eeyyee jedhee Sammuun isaa deebisaaf, Isa booda xiqqoo turee gaaffii jaalalaa dhiyyeessuufii murteesse, Amma yoo tasa hiriyaa ykn Abba manaa qabaatte immoo akkamin godha jedhee of gaafata, Isa booda tooftaa ittiin qabaadhuu fi qabaachuu dhabuu ishee bara malachuutti ka'e, osuma taa'ee yaaduu yaanni tokko dhufeef,_________ Kutaa 2ffaa itti fufa.
Barreessaan Asoosamaa Alemu Muleta Add god
DaawwadhaaDaawwadhaa yaada keessan katabaa